Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa yaa’iisaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Fulbaana 19, 2013 (FBC) –Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa yaa’iisaa gaggeessaa jira.
Manni marichaa yaa’iisaa 2ffaadha har’a gaggeessaa kan jiru.
Yaa’ichis magaalaa Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti taa’amaa jira.
Preezdaantiin mana marichaa Sheeh Hajii Ibraahiim ergaa dabarsaniin, Oromiyaan naannoo sabaa fi amantaan hedduun keessa jiru ta’uun manni marichaa itti gaafatama guddaa akka qabaatu isa taasisa jedhan.
Faayidaa ummataa fi biyyaa mirkaneessuuf nageenyi murteessaa ta’uus dubbataniiru.
Kanaaf manni marichaa kan hojjetu ta’uus ibsaniiru.
Yaa’ichi guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu yoo ta’u, raawwii karoora bara 2012 fi karoora 2013rratti ni mari’ata.
Daagmaawii Dagsiisaatu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.