Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa fi qaama hojii raawwachiiftuu gidduutti waliigalteen karoora mallattaa’e

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Mana Maree Magaalaa Finfinnee fi qaama hojii raawwachiiftuu gidduutti waliigalteen karooraa mallattaa’eera.
Manni Maree Magaalaa Finfinnee hojiilee ummataa hojjetamanii fi qaama hojii raawwachiisu sirnaan hojii hordofii fi to’annoo gaggeessuuf koree dhaabbii gurmeessee gara hojiitti galeera.
Haaluma kanaan manni marichaa aangoo raawwachiisaa to’achuu fi hordofuu qabu hojiirra oolchuuf, akkasumas sirna itti gaafatamummaa diriirsuuf akka tolu koree dhaabbii fi qaamolee raawwachiisaa gidduutti waliigaltee karoora bakka Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee fi Af Yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alqaadir argamanitti mallatteessaniiru.
Waliigalteen kun dhaabbilee fi qaamni raawwachiiftuu hojiilee lakkaa’anii walii laachuun, raawwii isaa ammoo safaranii walirraa fudhachuuf sirna gargaaru ta’uu ibsameera.
Waliigalteen kun qaama raawwachiiftuu kallattii sirriin to’achuu fi hordofuuf kan dandeessise ta’uu Aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.
Manni Marichaa itti gaafatamummaa ummataa akka ba’uu fi sirna itti gaafatamummaa diriirsurra darbee raawwiin hojii gaariin akka jiraatu qooda kan qabu ta’uus dubbataniiru.
Gabaasni raawwii hojii fooyya’aan mana marichaaf akka dhiyaatus ni gargaara jedhan.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.