Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa murtoo adda addaa dabarse

Finfinnee, Ebla 17, 2016 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa Walga’ii Idilee 31ffaa har’a gaggeesseen murtoo adda addaa dabarseera.
Manni marichaa wixinee labsii sirna qaraxa daldala alaa jajjabeessuuf fooyya’ee dhiyaaterratti mari’ateera.
Wixineen labsii fooyya’ee dhiyaate kun galteewwan barbaachisan dabalamuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun raggaasiseera.
Wixinee dambii Kaffaltii Komishiniin Waldaalee Hojii Gamtaa Federaalaa tajaajilaa kennaniif kaffalchiisan murteessuuf ba’erratti manni marichaa mari’ateera.
Wixineen qophaa’e kun galteewwan barbaachisan erga dabalamee booda guyyaa Gaazexaa Nagaaritirratti maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.
Akkasumas Manni Marichaa Walga’ii Idilee har’a gaggeesse kanaan wixinee Imaammata Fayyaarratti mari’ateera.
Imaammanni fayyaa amma hojiirra jiru waggoottaan 30’f osoo hin fooyya’iin turuu ibseera.
Imaammaanni fayyaa guddina diinagdee fi Hawaasummaa biyyattiin haala wal simatuun qophaa’uun barbaachisaa ta’uu isaan wixineen labsii imaammata fayyaa qophaa’e mana marichaaf dhiyaateera.
Manni marichaas wixinee dhiyaaterratti mari’achuun galteen dabalataa barbaachisaan erga dabalamee booda guyyaa ragga’ee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.
Dhumarrattis manni marichaa wixinee imaammata qonnaa fi Misooma baadiyyaa dhiyaaterratti mari’ateera.
Wixineen Imaammata Qonnaa fi Misooma Baadiyyaa damee qonnaa dameewwan diinagdee biroo waliin walsimsiisu, qabeenya uumaamaa eeguu fi waaraan fayyadu, oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisu, akkasumas ce’umsa gurmaa’iinsa baadiyyaa fiduu danda’uu qophaa’uun mana marichaaf dhiyaateera.
Manni marichaas wixinee imaammataa dhiyaaterratti mari’achuun galteewwan barbaachisan dabalamuun guyyaa ragga’ee eegaluu hojiirra akka oolu sagalee guutuun raggaasiseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.