Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa wixinee labsii baajata 2014 Birrii biiliyoona 561.67 dhiyaate Koree Dhaabbiif qajeelche

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee labsii baajata 2014 Birrii biiliyoona 561.67 dhiyaate irratti mari’achuun koree Dhaabbii dhimmoota Galii, Baajataa fi Faayinaansiif qajeelcheeera.
Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen wixinee labsii bara 2014 ilaalchisee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf ibsa laataniiru.
Fooyya’iinsa diinagdee biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiraanii fi gaggeessuuf karoorfaman ilaalchisee gabaasa dhiyeessaniiru.
Manni marichas ibsa dhiyaateerratti gaaffii fi yaada qaban dhiyaasuun erga irratti mari’atamee booda wixinichi labsii lakkoofsa 17/2013 ta’uun koree dhaabbichaaf qajeelfameera.
Baajanni dhiyaate qisaasa’ina malee kaayyoo barbaadameef akka oolu hordoffii fi deeggarsi barbaachisu taasiifamuu akka qabu miseensonni mana marichaa hubachiisaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.