Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa wixinee labsii waliigaltee Liqii garaagaraa raggaasise

Finfinnee, Bitootessa 5, 2016 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii idilee 17ffaa har’a gaggeesseen wixinee labsii waliigaltee Liqii garaagaraa qorachuun raggaasiseera.
Haaluma kanaan Wixinee Labsii liqaa Birrii miiliyoona 228 olii Mootummaa Itiyoophiyaa fi Waldaa Misooma Idil Addunyaa gidduutti Tajaajila Waraqaa Eenyummaa Diijitaalaa hojiirra oolchuuf waliigalame qorachuun sagalee guutuun raggaasiiseera.
Akkaataa waliigaltichaan liqaan kun waggoota 38 keessatti kan kaffalamu ta’uu eerameera.
Akkasumas waliigalteen Liqaa Doolaara miiliyoona 200 Mootummaa Itiyoophiyaa fi Waldaa Misoomaa Idil Addunyaa gidduutti hojiirra oolmaa Piroojektii Barnootaa fi Leenjii raawwachiisuuf waliigalames sagalee guutuun ragga’eera.
Liqaan kunis yeroo aara galfii waggaa 6 dabalatee waggoota 38 keessatti kaffalamee xumurama jedhameera.
Dabalataan manni marichaa Piroojektii misooma Waaraa Haroo Booyyee raawwachiisuuf kan oolu Liqaa Yuuroo miiliyoona 83.5 mootummaa Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii gidduuti mallattaa’e qorachuun raggaasiseera.
Liqaan kun yeroo aara galfii waggoota 16 dabalatee waggoota 30 keessatti kaffalamee xumuramuu qaba jedhame.
Gama biroon Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii har’a gaggeesseen wixinee labsii waliigaltee bobbii hojii Mootummaa Itiyoophiyaa fi Mootummaa Joordaan gidduutti gaggeeffame qorachuun sagalee guutuun raggaasiisuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.