Fana: At a Speed of Life!

Manni Murtii waliigalaa Oromiyaa Rifoormii haaraa hojiirra oolchaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Eebila 1, 2013 (FBC) – Manni murtii waliigalaa Oromiyaa kenna tajaajila abbaa seerummaa si’ataa,dhaqabamaa fi amansiisaa taasiisuuf rifoormii haaraa hojiirra oolchaa jiraachuu beeksise.
Hojii rifoormii Manneen Murtii Oromiyaan hojjetaman irraas Manni murtii Naannoo Benishaangul Gumuz muuxannoo qooddachaa jiru.
Sagantaa muuxannoo wal jijjiirraa kana irraattis Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Beenishaanguul Gumuuz dabalatee namoonni gara garaa argamaniiru.
Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa,obbo Gaazaalii Abbaa Simal rifoormii Oromiyaa keessatti eegalame lafa qabsiisuun teeknoloojiin deeggeruuf ni hojjetamaa jira jedhan.
Hawaasa haqa barbaaduuf tajaajila barbaachisaa kennuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus himaniiru.
Manni Murtii Waliigalaa Naannoo Beenishaanguul Gumuuz tajaajila hawaasni barbaadu kennuuf hojjechaa jiraachuu Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa naannoo Beenishaanguul Gumuuz,obbo Abdiisaa Waasee himaniiru.
Akka OBN gabaaseetti obbo Abdiisaa Waaseen riifoormii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaarraa hubannoo gaarii argachuu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.