Fana: At a Speed of Life!

Meejar jeneraal Kinfa Daanyew dabalatee himatamtoonni biroo ragaa ittisaa akka dhiyeeffatan beellamni jijjiirraa laatame

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Yakka Malaammaltummaan himatamuun mana sirreessaa kan jiran daayreektarri olaanaan duraanii Meeteek Meejar jeneraal Kinfa Daanyew dabalatee himatamtoonni biroo ragaa ittisaa akka dhiyeeffatan beellamni jijjiirraa laatame.
 
Daayreektarri olaanaan duraanii Meeteek Meejar jeneraal Kinfa Daanyew dabalatee himatamtoonni 8 har’a abuukaatoota isaanii waliin Mana Murtii olaanaa Federaalaa dhaddacha rammaddii 3ffaa Liddataa dhimma yakka Malaammaltummaa har’a ooleerratti dhiyaataniiru.
 
Abbaan Alangaa himatamtoota kanneenirratti ragaa dhageessisee kan xumure yoo ta’u, abuukaatoonni himatamtoota har’a ragaa ittisaa akka dhiyyeeffatan haaluma beellamameen dhaddachichi dhaga’ameera.
 
Yaa ta’uutii ragaan ittisaa dhiyaachuu dhabuu isaan manni murtichaa beellama jijjiirraa Amajjii 24-28, 2013tti ragaa ittisaa akka dhiyeeffatan beellama jijjiirraa laatera.
 
Taariik Addunyaatu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.