Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaadii Birrii miiliyoona 81 olii to’atame

Finfinnee, Hagayya 24, 2014 (FBC) –Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 81.5 tti tilmaamamu to’annoo jala oolfamuu Koomishiniin Gumurukaa beeksise.

Koomishinichi hordoffii taasiseen Hagayya 13-19, 2014tti meeshaalee kontiroobaandii daldalaa galii Birrii miiliyoona 74.9 fi kontirobaandii daldala alaa Birrii miiliyoona 6.5, walumaagalatti meeshalee Birrii miiliyoona 81.5 tilamaamaman to’achuu ibseera.

Meeshaaleen kunneen dameelee koomishinichaa garagaraatti to’atamuu ibsuun , Waajjiraaleen Dirree Dawaa, Adaamaa fi Hawaasaa adda duree ta’uun eerameera.

Meeshaaleen to’ataman kunneenis uffannaalee, beeyladoota, elektirooniksii, buna, qorichoota, konkolaattota, meeshaalee kosmootiksii fi waraanaa, jimaa, baala hadoochituu, zayiita nyaataa fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uun eerameera.

Walta’iinsa qaamolee nageenyaa, hojjettootaa fi eeruu hawaasaan kan to’ataman meeshaaleen kunneen, shakkamtoonni yakkicharratti hirmaatan lamas to’atamuu ragaan koomishinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.