Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 110tti shallagaman to’ataman

Finfinnee, Hagayya 7,2014 (FBC)- Adoolessa 29- Hagayya 5,2014tti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 10tti tilmaamaman to’atamuu ibsame.

Hordoffii taasifameen meeshaaleen alaagalan Birrii miiliyoona 90.8tti shallagamaniifi meeshaaleen al-ergii Birrii miiliyoona 19.6tti tilmaamaman dameelee waajjira Komishinii Gumuruukaa garaagaraatti to’atamuu ibsameera.

Meeshaaleen to’atamanis Uffata, boba’aa, beelladoota, meeshaalee elektirooniksii, buna, qoricha, konkolaattota, meeshaalee miidhaginaa, meeshaalee waraanaa, baala sammuu namaa hadoochu, jimaa, zayita nyaataafi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu Komishiniin Gumuruukaa eereera.

Meeshaaleen kunneen qindomina hojjettoota komishinichaa, poolisii federaalaa, miseensota poolisii naannolee fi hawaasaan to’atamuu addeesseera.

Namoonni meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 9 to’atamuus ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffan

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.