Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 124tti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC) – Bitootessa 8 – 14, 2015tti hordoffii taasifameen meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 124tti tilmaamaman to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksise.

Meeshaaleen karaa seeraan alaa gara biyya keessaa galuuf turan Birrii miiliyoona 101.9 baasanii fi kan karaa seeraan alaa gara alaatti ba’uuf turan Birrii miiliyoona 22.7tti tilmaamaman dameewwan Gumrukaa garaagaraatti to’atamuun ibsameera.

Uffataaleen, Boba’aa, Horiin Dhaabbii, Meeshaaleen Elektiroonkisii, Bunni, Qorichaalee, Konkolaattoonni, meeshaaleen faayaa,Jimaa, Baalli Sammuu hadoochu, Zayitni nyaataa fi Maallaqoonni biyyoota adda addaa kanneen to’ataman keessaa muraasa ta’uu komishinichi eereera.

Meeshaaleen kunneen dameewwan Gumrukaa Adaamaa, Hawaasaafi Mooyaaleetti heddumminaan kan to’ataman ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.