Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 184 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2015 (FBC) – Caamsaa 25, 2015 hanga Waxabajjii 1,2015tti meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 184 olitti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksiiseera.

Meeshaaleen karaa seeraan alaa gara biyya keessaa galuuf turan Birrii miiliyoona 108 fi gara alaatti ba’uuf turan Birrii miiliyoona76 baasaan dameewwan Gumrukaa garaagaraatti to’atamuu ibseera.

Uffataaleen, Boba’aan, Beelladoonni, Meeshaaleen Elektirooniksii, Bunni, Jimaan, qorichaaleen, Konkolaattoonni, meeshaaleen waraanaa, baalli sammuu adoochu, Zayinni nyaataa fi maallaqoonni biyyoota adda addaa to’atamuu ragaan Komishinicharraa argame ni mul’isa.

Namoonni dhuunfaan meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 3 konkolaattoota lama waliin ta’atamuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.