Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 195 olitti shallagaman to’ataman

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2015(FBC)-  Hordoffii Komishiniin Gumruukaa Onkololeessa 11-17, 2015tti taasiseen meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 95 olitti shallagaman to’atamuu komishinichi beeksise.

Meeshaaleen kontiroobaandii alaa galan Birrii miiliyoona 143.2 fi meeshaaleen kontiroobaandii al-ergii Birrii miiliyoona 52.5’tti shallagaman dameelee komishinichaa garaagaraatti to’atamuu eerameera.

Meeshaaleen kunneen qindoomina hojjettoota komishinichaa, poolisii federaalaa, miseensota poolisii naannoleefi hawaasnaa to’atamuu ibsameera.

Namoonni meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 11 fi konkolaattonni 36 to’atamuu eerameera.

Meeshaaleen to’ataman uffata, boba’aa, beelladoota, meeshaalee elektirooniksii, buna, qorichoota, konkolaattota, meeshaalee miidhaginaa, meeshaalee waraanaa, jimaa, baala sammuu namaa hadoochu, zayita nyaataafi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ragan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.