Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 272 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Hagayya 22, 2015 (FBC) – Hagayya12 – 18, 2015tti to’annoo fi hordoffii taasiifameen Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 272 olitti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksiise.

Meeshaaleen karaa seeraa alaa gara biyya keessaa galuuf turan Birrii miiliyoona 151.9 baasanii fi kan gara alaatti ba’uuf ture Birrii miiliyoona 120.4 baasu Waajjiralee dameewwan Gumrukaa garaagaraatti to’atamuu ibsameera.

Uffataaleen, Boba’aa, Beelladoonni, Meeshaaleen Elektirooniksii, Bunni, Qorichaaleen, Meeshaaleen qaama jijjiirraa konkolaattootaa, Zayinni Nyaataa, Jimaa, Baallii Sammuu Adoochuu fi Maallaqoonni biyyoota garaagaraa to’atamuu ragaan Komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.