Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa yaaddessaa kontiroobaandii fi daldalli seeraan alaa biyyaa fi naannorraan ga’u daangessuuf kallattiin kaa’ame

Finfinnee, Mudde 7, 2015 (FBC) – Daldalli seeraan Alaa fi Kontiroobaandiin madda rakkoo nageenyaa ta’uu Itti aanaan Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsan.

Miidhaan kontiroobaandii fi daldalli seeraan alaa biyyaa fi naannoorraan ga’u ittisuuf mootummaan tarkaanfii fudhachuuf hojjachaa jiraachuu Obbo Awwaluun himaniiru.

Obbo Awwaluun dhimma kana ilaalchisee bulchitoota Godinaalee,Kantibaawwan Magaalotaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’ataniiru.

Miidhaa yaaddeessaa kontiroobaandii fi daldalli seeraan alaa biyyaa fi naannorran ga’u daangeessuuf mootummaan kallattii kaa’uu eeraniiru.

Caasaa mootummaa kontiroobaandistootaa fi daldaltoota seeraan alaa waliin qindaa’anii rakkoo geessisan irratti tarkaanfii cimaaan kan fudhatamu ta’uu himaniiru.

Hojjettootni mootummaa kontiroobaandistoota waliin qindaa’anii qooda fudhatan kamiyyuu haalduree tokko malee hojiirraa dhaabuun badii dalaganiif seeraan akka itti gaafataman ta’a jedhame.

Geejjibni kontirobaandii geejjibuuf oole hundi haalduree tokko malee oomisha geejjibe waliin guutummaatti dhaalamee mootummaaf galii akka ta’u kallattiin kaa’amuu marichaan ka’eera.

Namootni kontiroobaandii sochoosuu keessatti qooda fudhatan hundi konkolaachisaa dabalatee seera duratti mirgi wabii osoo hin eeggamin battaluma to’atamanitti seeratti dhiyaatanii tarkaanfiin seeraa akka irratti fudhatamu murtaa’eera.

Kontiroobaandii fi daldalli seeraan alaa fiixeetti bahee miidhaa hamaa geessisaa jiraachuu isaarraa kan ka’e daldalli daangaa ce’aa guutummaatti akka dhaabbatu murtaa’uu himameera.

Daldaltoota oomisha seeraan ala kuusuun gabaarraa akka dhabamuu fi qaala’insi akka uumamu taasisan oomishni isaan kuusan haalduree tokko malee dhaalamee eeyyamni daldala isaanii guutummaatti akka haqamu kallattiin kaa’amu ibsameera.

Hawaasni naannichaa kamiyyuu gocha kontiroobaandii fi daldala seeraan alaa jajjabeessu kamuu keessatti kallattiinis ta’e al-kallattiin qooda fudhatan bu’uura seera jiruun tarkaanfiin kan irratti fudhatamu himameera.

Seerri bu’aa madaalawaa sadarkaa biyyoolessaatti bahu akkuma jirutti ta’ee akka naannoo Oromiyaatti bu’aa garmalee argachuuf sochii taasifamuu fi rakkoo qaala’insaa gabaa ittisuuf akkaataa barbaachisummaa isaatti oomishalee tokko tokko irratti gatiin bittaa fi gurgurtaa kan murtaa’u ta’uu ibsamuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.