Fana: At a Speed of Life!

Miidhamaa kamiifiyyuu haalduree tokko malee tajaajilli deeggarsa namoomaa dhiyaachuu qaba jedhame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2014 (FBC) – Weerara gareen Shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraa fi Afaaritti raawwate hordofee lammiileen miiliyoonni 4.5 miidhaaf saaxilamuu ibsame.

Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamiil qaamolee dhiyeessa deeggarsa namoomaa qindeessanii fi qaqqabsiisuurratti bobba’an bakka buutoota dhaabbata mootummoota Gamtoomanii  fi dhaabbilee deeggartootaa idil addunyaa waliin mari’ataniiru.

Weerara gareen Shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraa fi Afaaritti raawwate hordofee lammiileen kumni dhibbi 5 fi kumni 50 deeggarsa namoomaa yeroo ariifachiisaa kan barbaadan ta’uu ibsameera.

Deeggarsi namoomaa dhaabbanni mootummoota gamtoomanii fi dhaabbilee deeggartoota idile addunyaa naannoo Amaaraa fi Afaaritti taasiisaa jiru daraan xiqqaa ta’uu Aadde Mufariyaat ibsaniiru.

Naannolee kanneetti akkuma naannoo Tigraay lammiilern hedduun qabeenyaa fi qa’ee isaanirraa buqqa’aniiru, qabeenyi  fi bu’uuraaleen misoomaa isaanii barbadaa’uu ibsaniiru.

Dhaabbileen idil addunyaa akkuma naannoo Tigraayiitti deeggarsa namoomaa haala kamiiyyuu keessatti dhiyeessaa jiran naannolee Afaarii fi Amaarafis dhiyeessuu akka qaban hubachiisaniiru.

Dhaabbilee deeggarsa namoomaa hundi mootummaa cinaa ta’uun lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu miidhaa garaagaraaf saaxilaman kanneen baraaruuf hirmaannaa taasiisuu akka qaban waammicha dhiyeessuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.