Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi albuudaalee gabaa alaaf dhiyaatanirraa Doolaara miiliyoona 500 argachuuf karoorfachuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2016 (FBC)- Bara 2016 albuudaalee gabaa biyya alaaf dhiyaatan irraa sharafa alaa Doolaara miiliyoona 500 argachuuf karoorfamuu Ministeerri Albuudaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Miliyoon Maatiwoos, karooricha milkeessuuf dhaabbilee damicharratti bobba’an waliin hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Keessumaa dandeettii misoomsuu dhaabbilee guddisuuf deeggarsi akka taasifamu eeruun, indaastiriiwwan albuudaalee dabalatee daldala alaarratti akaakuuwwan albuudaalee gabaaf dhiyaatanii dabaluuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Gama biraatiinis, lakkoofsi dhaabbilee idil addunyaa misoomaa fi barbaacha albuudaaleerratti bobba’an dabalaa dhufuu ibsaniiru.

Dhaabbileen waggoottaniif barbaacha albuudaarratti bobba’aan hojiilee isaanii xumuruun gara misoomaatti ce’aa jiraachuu akeekaniiru.

Haaluma kanaan Naannoo Beenishaangul Gumuzitti dhaabbanni oomisha Warqee Awustiraaliyaa ‘Kumruk Maayiniingi’ baasii Doolaara miiliyoona 500’n gara oomishatti seenaa jiraachuu dubbataniiru.

Dhaabbileen albuudaalee akka Niikeelii, Koopparii, Tantaalamii, Liitiyamii, Pootaashiyamii fi kanneen biroorratti bobba’aan waggoottan muraasa dhufan keessatti barbaacha isaanii xumuruun gara oomishaatti akka galan ibsaniiru.

Dhaabbilee biyya alaatti dabalataan abbootiin qabeenyaa dhaabbilee biyya keessaa damicharratti bobba’uuf fedhiin argisiisaa jiran jajjabeessaa ta’uu akeekuu TOI gabaaseera.

Dameen albuudaaf rakkoo cimaa kan ta’e oomisha fi bittaa fi gurgutaa seeraan alaa to’achuuf dhaabbilee nageenyaa waliin qindoominaan tarkaanfilee fudhatamaniin bu’aalee olaanaan argamuu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.