Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Geejibaa fi Loojistiksii RIB’f deeggarsa Birrii miiliyoona 42 olii taasise

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015(FBC)- Ministeerri Geejibaa fi Loojistiksii fi dhaabbileen itti waamamtootaa Raayya Ittisa Biyyaaf deeggarsa meeshaalee fi maallaqa Birrii miiliyoona 42 oliitti tilmaamamu taasiseera.

Deeggarsichas Ministirri Ministeerichaa Aadde Daagimaawiiti Mogos Ministir Deetaa Ministeeraa Raayyaa Ittisaa Aadde Maartaa Liwiijiitti kennaniiru.

Aadde Daagimaawit, deeggarsichi filmaata nageenyaa cinaatti dhiisuun shororkeessaa ABUT’n waraana baname ittisuuf tarkaanfii kan fudhata jiru Raayyaa ittisa biyyaaf tumsuu kan taasifameedha jedhan.

Duraan deeggarsa walfakkataa taasisaa turuu yaadachiisanii, fuuldurattis dhaabbatichi ergama dabalataa bahachuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Deeggarsicha kan fudhaan Aadde Maartaa Liwiijii gama isaaniin, deeggarsa taasisfameef galateeffatanii dhaabbileen deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Deeggarsa maallaqaa fi meeshaalee garaagaraa taasifametti dabalataan hojjettoonnii fi hoggantoonni ministeerichaa fi dhaabbileen itti waamamoon dhiiga arjoomaniiru.

Fuuldurattis haala kamiinuu raayya ittisaa cinaa dhaabbachuun gaachaa ta’uufii cimsanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.