Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Hojii fi Kalaqaa Eebila 9 irraa kaasee agarsiisaa fi baazaarii  ni qopheessa

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC)- Ministeerri Hojii fi Kalaqaa Eebila 9 hanga Eebila 15, 2014tti kan turu agarsiisaa fi baazaarii kan qopheessuu ta’uu beeksiseera.

Agarsiisaa fi baazaarii kanarratti interpiraayzoonni maaykiroo xixiqqaa fi giddugaleessi 181 fi damee oomishaa giddugaleessaa 10 akkasumas dhaabbileen 8 waliigalaan hirmaattonni 199 ni hirmaatu jedhameera.

Ministeerichatti daayrektarri Kominikeeshinii aadde Abozanaach Nagaash akka ibsanitti, interpiraayzoonni %50 dubartoota yoo ta’an, interpiraayzoonni 5 ammoo qaama miidhamtoota jedhameera.

Agarsiisaa fi baazaaricharratti namoonni kumni 22 ol ni daawwatuun kan eegamuu ta’u kan ibsan daayrektirittiin Birrii miiliyoona 4.5 ni argamsiisaan eegama.

Fatiyaa Awwaltu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.