Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Alaa Keeniyaa Finfinnee galan

Finfinnee, Hagayya 27, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Keeniyaa Ambaasaaddar Raayshaal Oomaamoon daawwaannaa hojiif Finfinnee galaniiru.
Ambaasaaddar Raayshaal Oomaamoon wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an Ministir Deettaa Ministeera Dhimma Alaa FDRI Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon simatamaniiru.
Ambaasaaddar Raayshaal Oomaamoon turtii isaaniin Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin fi hoggantoota mootummaa olaanoo biroon waliin ni mari’atuun eeggama.
Leeyikun Alamtu gabaase.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.