Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Ityoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuufi

Finfinnee, Mudde 30, 2015(FBC)- Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Kiin Gaangi torbee dhufu Ityoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuufi.

Kiin Gaangi daawwannaa isaaniin qondaaltota olaanoo mootummaa waliin akka mari’atan eegama.

Marii isaanii cinaattis deeggarsaa Mootummaa Chaayinaarraa argameen giddugala to’annoo fi ittisa dhibeewwan Afrikaa akka eebbisan ragaan Koomishinii Gamtaa Afrikaarraa argame ni mul’isa.

Giddugalichi Finfinneetti naannawaa Ganda Afrika jedhamuun waamamutti kan ijaarame yoo ta’u bal’ina iskuweer meetiraa kuma 90 kan qabuudha.

Giddugalichi, giddugala wal’aansa baqaqsanii yaaluu balaa taasaa, odeeffannoo, laabiraatoorii, leenjii, koonfiraansii biirolee fi appaartaamaawwan qabaata jedhameera.

Ijaarsi giddugalichaa bu’uraa waliigaltee Koomishiniin Gamtaa Afrikaa fi Chaayinaa bara 2020tti Waajjiraa Olaanaa Giddugalaa Ittisaa fi To’annoo Dhibeewwan Afriikaa ijaaruuf mallaeesaaniin kan raawwatameedha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.