Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Dhimma Alaa Jaappaan Ityoophiyaa daawwachuufi

Finfinnee, Adoolessa 24, 2015 (FBC)- Ministirri Dhimma Alaa Jaappaan Haayashii Yoshimaasa Ityoophiyaa daawwachuuf akka ta’e eerame.

Ministirichi daawwannaa Afrikaatti taasisaniin Ityoophiyaa dabalatee Afrikaa Kibbaa fi Ugaandaa ni daawwatu jedhameera.

Turtii Ityoophiyaatti taasisaniis qondaaltotaa mootummaa waliin ni mari’atuun eegama.

Daawwannaan Ministirri Dhimma Alaa Jaappaan kun Ityoophiyaatti taasisan waggoota afur keessatti yeroo jalqabaaf ta’uun ragaan Ityoophiyatti Embaasii Jaappaanirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.