Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Irgoogeen wal harkaa fuudhiinsa hojii taasisan

Finfinnee, Fulbaana 28, 2014 (FBC)- Hundeeffama mootummaa haaraatiin Ministira Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa ta’uun kan muudaman Dooktar Irgoogee Tasfaayeen Ministira Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa Fiilsan Abdullaahii irraa wal harkaa fuudhiinsa hojii taasisaniiru.
Aadde Fiilsan Abdullaahii fi hooggantoonni olaanoo ministeerichaa Dooktar Irgoogeef simannaa taasisaniiruufi.
Haala gurmaa’iinsa ministeerichaa, hojiiwwan hojjetamaa jiranii fi fuulduratti hojjetamuuf karoorfataman ilaalchisee Ministirri duraanii Fiilsan Abdullaahiin ibsa laataniifiiru.
Dooktar Irgoogeen gama isaaniitiin, akka biyaatti gara fuulduraatti hojii bal’aa hojjechuun kan irraa eegamu ta’u ibsaniiru.
Gurmaa’insaa fi caaseffama ministeerichaa cimsuun dandeettii raawwachiistummaa hooggansaa guddisuufi ilaalchota boodatti hafoo ta’an hambisuuf hojiin hubannoo uumuu fi hojiiwwan haammattoo seeraa osoo hin ciccitiin hojiirra akka ooluuf kan hojjetan ta’uu ibsameera.
Simannaa taasifameefis kan galateeffatan ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.