Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni ABO Shanee Artiist Hacaaluu akeekkachiisaa turuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 6,2012(FBC)- Miseensonni ABO Shanee Artiist Hacaaluu Hundeessaan ajjeefamuu isaatin dura akeekkachiisoo ajjeechaa karaa Teelegraama isaatin ergaa turuu isaanii Abbaan Alangee Waliigalaa beeksise.

Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa akka beeksisetti ragaaleen akeekkachiisoo sagalee fi barreeffamaa karaa Teelegraamatiin artiisticha qaqqabaa turan akka ragaatti dhiyaataniiru.

Ajjeechaa Artiist Hacaalutiin booda reeffa saamuuf sochii taasifameen obbo Baqqalaa Garbaan dargaggoota Burraayyuu jiraatan lamatti bilbilanii reeffi gara magaalaa Finfinneetti akka deebifamu ajajuu isaanii ragaa argadheeras jedheera Abbaan Alangee.

Hacaaluun OMN waliin gaaffii fi deebii ega taasiseen booda sodaachisoo fi akeekkachiisni ABO Shaneerraa isa qaqqabaa tureeras jedheera abbaan alangichaa.

Naannoo Dhedheessatii bilbiluudhan akeekkachiisni isa qaqqabaa turuunis ibsameera.

Shakkamaanis jijjiirramicharraa Oromoon hin fayyadamne, ajjeechaa kana yoo raawwatte siifis Oromoodhafis ni darba jedhamuusaa poolisiif ibseera.

Hacaaluun gaaffii fi deebiin OMN waliin taasise sa’aa 1 fi daqiiqaa 10 turuu; daqiiqaan 45 muramuu, sana keessattis Shaneen itti dhaadachaa turuu ibseera jedhameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.