Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni ABUT Finfinneefi Naannawaasheetti nageenya uummataa booressan 19 to’ataman

Finfinnee, Qaammee 4,2014 (FBC)- Miseensonni garee shororkeessaa ABUT ergama badii fudhachuun  Finfinneefi Naannawaasheetti nageenya uummataa booressaa turan 19 to’atamuu  Koreen Waloo Nageenyaafi Tasgabbii beeksise.

Diinonni magaalaa Finfinnee giddugala jeequmsaa ni taasina jechuun guyyaa dhaadachuu eegalan irraa kaasee gocha badii raawwachuuf yaaliin isaan hin taasifne kan hin jirre ta’uu eerameera.

Odeeffannoo sobaafi holola miidiyaalee alaafi keessaan hafarsaniin cinaatti qaama konkolaataa keessatti bakka dhokataa qopheessuun meeshaalee waraanaa gara magaalichaatti galchuuf tattaaffii isaan taasisan qindoomina hawaasaafi qaamolee nageenyaa fashalaa’uu yaadachiifameera.

Baatiiwwan lamaan darbanitti diinonni tooftaa isaanii jijjiiruun Magaalaa Finfinneefi magaalota naannawaasheetti argaman keessatti uummanni yaaddoo nageenyaa akka qabaatuufi nageenya akka dhabuuf karoorsuun lammiileerra yakka saamichaa cimaafi ajjeechaa gara jabinaa raawwachaa turuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.