Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Koree Giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa haleellaa naannoo Gambeellaa fi godina Wallagga Lixaatti raawwate balaaleffatan

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2014 (FBC) – Miseensonni Koree Giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa haleellaa naannoo Gambeellaa fi godina Wallagga Lixaatti lammiilee nagaarratti raawwate balaaleffatan.

Miseensonni kunneen haleellaa lammiilee nagaarratti raawwate balaaleffachuun miidhamtoota deeggaruun cinaatti hojiin nageenya kabachiisuu cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Miseensa Korichaa kan ta’an Dooktar Girmaa Amanteen,korichi haleellaa lammiilee nagaarratti raawwate balaaleffachuu kaasuun finxaaleeyyiin gocha garaa jabeenyaa duudhaalee waliin jireenyaa biyyattii diigan raawwachuu ibsaniiru.

Hoggansis wanta dubbatu hojiitti kan hiikuu fi tokko ta’uu akka qabu ibsuun, naannummaan osoo hin daangeffamiin rakkoolee nageenyaa waliin furuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad gamasaaniin, shanee fi shororkeessitoonni biroon biyya diiguuf yeroo hedduu yaaluun hin milkaa’iin hafuu fi gochi lammiilee nagaarratti raawwatame hedduu gaddisiisaa ta’uu eeraniiru.

Haleellaan lammiilee nagaarratti raawwatame laphee kan nama cabsu ta’uu kan ibsan ammoo miseensa korichaa kan ta’an obbo Zaadig Abrahaadha.

Preezdaantiin naannoo Gaambeellaa obbo Umood Ujuluun gamasaaniin, Shaneen, gareen  Adda Bilisa Basaa Gaambeellaa jedhuun of waamuu fi gareen shororkeessitootaa biroon haleellaan tibbana lammiilee nagaarratti raawwatan gochaa hunda gaddisiise ta’uu kaasaniiru.

Miseensi koree gidugaleessaa poaartichaa Dooktar Geediyoo Xiimootiwoos, gurmaa’iinsonni bakkeewwan garaagaraa jiran qaamolee nageenyaa waliin waldubbisuun tarkaanfii gareewwan shororkeessitootaa irratti fudhatamu akka cimuuf korichi waliigalteerra ga’uu kaasaniiru.

Hojii raawwachiisaa olaanaan Ityoophiyaan Broodkaastiing Koorporeet obbo Fissahaa Yittaagasuu gamasaaniin, miseensota garee shororkeessitootaa hordofuun tarkaanfii fudhachuu fi seeratti dhiyeesuun cinaatti uummanni bifa gurmaa’een karaa itti of eeguu danda’u barbaaduun barbaachisaa ta’uun walga’ii korichaan ka’uu ibsaniiru.

Gorsaa Diinagdee Muummee Ministiraa kan ta’an Obbo Maammoo Mihiratuun, finxaalessummaa dadhabsiisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamuu fi qaamoleen nageenyaas bakkeewwan yaaddoon jirutti ciminaan akka eeguuf kallattiin kaa’amuu kaasaniiru.

Ittaantuun Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Aadde Loomii Badhoon, qaamolee farreen nageenyaa irratti duuluun fi nageenyaaf waardiyyaa dhaabbachuun lammiin hundi ambaasaaddara nageenyaa ta’uu qabu jechuu TOI gabaaseera.

Korichi ajandaalee biyyaalessaa garaagaraa fi hojiilee paartichaarratti mari’achuun hojiilee itti aananirratti kallattii ni kaa’a jedhameetu eegama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.