Fana: At a Speed of Life!

Miseensota miidiya idil addunyaa dabalatee dhaabbilee idil addunyaa 135 eeyyamni laatame

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2013 (FBC)- Ministeerri Nageenyaa Miseensota miidiya idil addunyaa dabalatee dhaabbilee idil addunyaa 135 adeemsa deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay akka gabaasan eeyyama laachuu beeksisee.
Naannoo Tigraayitti adeemsa deeggarsa namoomaa taasiifamuu gabaasuuf kan iyyatanii fi ulaagaa madaalli idil addunyaa guutanii kan argaman miseensoota miidiyaa idil addunyaa 11 dabalatee dhaabbilee idil addunyaa 135 fi hojjettoonni gara naannoo Tigraayitti imaluun deeggarsa namoomaa taasifamuu akka gabaasaniif eeyyamni laatameera.
Mootummaan jiraattoota deeggarsi isaan barbaachisuu fi kana dura sagantaa Seeftiineetiin hammatamanii deeggaramaa turan miiliyoona 1.8 dabalatee lammiilee miiliyoona 2.5 adda baasuu Ministeerii Nageenyaa beeksiseera.
Yaa ta’uutii lammiilee deeggarsi kamiiyyuu isaan barbaachisu dabaluun lammiilee miiliyoona 3.1f deeggarsa taasiisuun danda’amuu ibsameera.
Ministeerichi lammiilee miidhaman deeggaruuf qaamolee deeggarsa laachuu keessatti hirmaatan galateeffateera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.