Fana: At a Speed of Life!

Misooma Bunaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira

Finfinnee,Amajjii 4, 2012 (FBC) – Bara kana misooma Bunaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru Dooktar Girmaa Amanteen himan.

Duullii Buna dulloomee gamashuu godina Jimmaatti eegalamee jira.

Buna Oromiyaa keessatti argaman keessaa %30 Buna dulloomaniidha.

Bunni dulloome ammoo oomishtummaan isaa xiqqaa ta’uu fi dandeettiin dhukkuba dandamachuu gadi aanaadha.

Mootummaan naannoo oromiyaa misooma bunaaf bara kana birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 20 ramaduun hojiitti galuu isaa ibsameera.

Keessattuu buna gamashuu fi sanyii filatamaa bunaa qopheessuu irratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu himameera.

Ogeeyyii waliin ta’uun hojiin buna dulloomee gamashuu fi kan buqqa’uu qabu buqqisuun sanyii haaraan bakka buusuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantii Mootummaa naannoo Oromiyaatti hogganaan seektara misooma baadiyyaa Dooktar Girmaa Amantee dubbataniiru.

Qonnaan bultoonnii fi daldaltoonni naannoo Oromiyaa buna bituun gabaa giddugaleessaa fi biyya alaatiif kallattiin akka dhiheessaniif Birrii biliiyoonni 15 liqiin baankii irraa akka dhiyaatu godhamee jira jedhan.

Kana keessaa Birriin biiliyoonni 7 dhiyaachuun hojiitti galamuu isaa fi daldala seeraan alaa hambisuun gatiin bunaa akka fooyya’u hojjetamaa jiraachuu Dooktar Girmaan ibsaniiru.

Akkasumas, Oromiyaa keessaatti giddugala buna qulqulleessuu fi sadarkeessuun kallattiin biyya alaatti ergu Magaalaa Gimbii, Jimmaa, Bulee Horaa fi Dirree Daawaatti hundeessuuf hojjetamaa jiraachuus Dooktar Girmaan himaniiru.

Buna oromiyaa kallattiin biyya alaatti erguuf Investaroonni biyya Chaayinaa Paarkii Indastirii Jimmaa keessatti waarshaa bunatti sona dabalan akka dhaabaniif walii galamuu isaa ragaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa Oromiyaa irraa arganne ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.