Fana: At a Speed of Life!

Misoomaa Magaalaa Asallaaf galiin Birrii miiliyoona 416 walitti qabame

Finfinnee, Guraandhala 18, 2016 (FBC)- Misooma Magaalaa Asallaaf galii waliti qabuuf baazaarii guddicha qophaa’een Birrii miliyoona 416 ol walitti qabameera.

Bulchinsa magaalaa Asallaatti rakkoo bu’uuraalee misoomaa magaalattiin qabdu furuuf sagantaa galii walitti qabuu Gurraandhala 9-17, 2016 gaggeesseera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Asalla Obbo Simee Tsaggaayeen akka jedhanitti kaayyoon sagantichaa rakkoolee guguddoo magaalattiin qabdu daandii keessa keessa, Manneen Barnootaa fi Dhaabbilee fayyaa furuuf kan xiyyeeffatedha.

Sagantichaan karoora qabame %88 milkaa’uu kaasuun, qaamolee galii walitti qabuu kanarratti gumaacha taasisan hundaa galateeffataniiru.

Maallaqni walitti qabames hojiilee misoomaa magaalattiif akka oolu hordoffii barbaachisaan akka taasifamu dubbataniiru.

Qiddist Zawuduu fi Abdallaa Amaantu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.