Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad gara adda waraanaatti duuluun Raayyaa Ittisaa fi lammiileef kaka’umsa olaanaa uumuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 24, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gara adda waraanaatti duuluun Raayyaa Ittisaa fi lammiilee biyyattii hunda keessatti hamilee fi kaka’umsa olaanaa uumuu aanga’oonni mootummaa ibsaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad adda waraanaatti argamuun waraana hogganuun isaanii gootummaa abbootii fi jaalala biyyaa kan agarsiise ta’uu aanga’oonni mootummaa Faanaa Broodkaasting Korporeet waliin turtii taasiisan eeraniiru.
Humnoonni garee shororkeessaa ABUT waliin hiriiraan diinagdeen kan badhaadhan, miidiyaan dhiibbaa uumuu danda’an, madaala Siyaasa addunyaa micciiraa kan turan fi kana duras shiraan biyyoota hedduu diigaan kan turan ta’uu Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa turtii Faanaa Broodkaasting Korporeet waliin taasiisaniin ibsaniiru.
Dhiibbaa humnoota kanneenii qolachuuf Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad adda waraanaatti duuluun Raayyaa Ittisaa Itti dhiyeenyaan hogganuun isaanii faayidaan isaa olaanaa ta’uu dubbataniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waraanicha adda durummaan hogganuu isaaniin injifannoo olaanaan galmaa’aa jiraachuu fi akka biyyoonni Lixaa yaadan imalli gara Finfinnee osoo hin taane imalli gara Maqalee ta’uu ibsaniiru.
Kana duras wayita balaan birmadummaa biyya muudate hoggantoonni masaraa mootummaa taa’uu caalaa adda waraanaatti argamuun waraana hogganaa turuu Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominkeeshinii mootummaa buchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Yoonaas Zawdeen ibsaniiru.
Bara kanas Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad seenaa sanarra deebi’uu obbo Yoonaas eeraniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad adda waraanaatti duuluun waraanaa hogganuun isaanii Ityoophiyaarra darbee Afrikaa fi addunyaa kan kakaase ta’uu himaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa
argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.