Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Ityoophiyaan nyaataan of danda’uuf tattaaffii taasisaa jirtu yaa’ii Paaris irratti dhiyeessaniiru-TKM

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Yaa’ii Waliigaltee Haara Faayinaansii Idil Addunyaa Faransaay Paarisitti gaggeeffamerratti, muuxannoo fi tattaaffii bu’aa qabeessaa Ityoophiyaan wabii nyaataan of danda’uuf taasisaa jirtu dhiyeessuu Tajaajili Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeshinii Mootummaa Salaamaawwit Kaasaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, Yaa’ii Waliigaltee Faayinaansii Haaraa Idil Addunyaa Paarisitti gaggeeffamerratti kan hirmaatan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, yaa’ichaan cinatti dureewwan biyyoota garaagaraa fi hoggantoota dhaabbilee Idil Aduunyaa waliin mari’achuu kaasaniiru.

Waltajjicharrattis, hanqina faaynaansii fi dhiibbaa idaa biyyoota guddachaa jiran mudachaa jiru ilaalchisuun dhaabbileen faayinaansii idil addunyaa fooyyessa hojmaataa taasisuu akka qaban, waadaa galanis hojiitti hiikuu akka qaban gaafachuu ibsaniiru.

Galmoota Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin qabamaniin deeggarsa biyyoota guddachaa jiraniif taasisuuf waadaan galame qabatamaa ta’uu akka qabu dubbataniiru jedhan.

Kaappitaalli misoomaa biyyoota guddachaa jiraaniif qixa barbaadamuun dhiyaachuu akka qabus eeruu himaniiru.

Deeggarsi faayinaansii misoomaa biyyoota guddachaa jiranii xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabu kaasuun, dhaabbileenis Ashaaraa Magariisaaf deeggarsa taasisuuf xiyyeeffannaa kennuu akka qaban Muummeen Ministiraa yaa’icharratti dubbachuu ibsaniiru.

Addunyaan jijjiirama qabeenya qilleensaan wayiita qoramaa jirtutti kan akka Ityoophiyaa furmaataa qabatamaa dhiyeessaa jiran deeggarsa barbaachisa argachuu akka qaban eeraniiru.

Dabalataan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad nyaataan of danda’uuf tattaaffii Ityoophiyaan taasisaa jirtu waltajjicharratti qooduu Aadde Salaamaawit himaniiru.

Omishaa fi omishtummaa guddisuuf tattaaffii taasifamu cinaatti, dhiibbaa dhufu dandamachuuf deeggarsa gitu akka barbaachisu dubbataniiru jedhan.

Waltajjichaan cinaattis dureewwan biyyoota garaagaraa fi hoggantoota dhaabbilee idil addunyaa garaagaraa waliin dhimmoota gama lameenii fi Ardiirratti mari’achuu ibsaniiru.

Feeben Bishaawutu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.