Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Pireezidaanti Maakroon biyyoota Afrikaa deeggaruuf eeyyamamaa ta’uu isaaniif galateeffatan

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Pireezidaantiin Faransaay Emaanu’eel Maakroon biyyoota Afrikaa deeggaruuf eeyyamamaa ta’uu isaaniif galateeffataniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy AhimadPaarisitti kan gaggeeffame yaa’ii waliigaltee haaraa faayinaansii Idil Addunyaarratti hirmaataniiru.

Yaa’ichaan cinaattis, Pireezidaanti Faransaay Emaanu’eel Maakiroon waliin mari’ataniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti Pireezidaanti Maakroon simannaa fi gaggeessaa Paarisitti taasisaniif galateeffataniiru.

Pireezidaanti Maakiroon yaa’ii Waliigaltee Haaraa Faayinaansii Idil Addunyaa bu’aa qabeessaa ture akkasumaas biyyoota Afrikaa deeggaruuf eeyyamamaa ta’uu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.