Fana: At a Speed of Life!

MM Dooktar Abiy Pireezidaantii Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 24, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Baankii Addunyaa Aajaay Baangaan waliin mari’ataniiru.

Pireezidaantiin Baankii Addunyaa Aajaay Baangaan daawwannaa guyyaa lamaaf har’a Finfinnee galaniiru.

Dooktar Abiy garee jilichaa waliin marii gaggeessaniin ajandaa fooyyessa diinagdee biyya keessaa waliigalaa Ityoophiyaarratti ibsa kennaniiru.

Dabalataan, Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, “Ityoophiyaan baankii Addunyaa waliin dirree tumsaa jiru bal’isuun guddina diinagdee keenyaaf faayinaansii ‘Konseeshinaalii’, gamaa Koorporeeshinii Faayinaansii Idil Addunyaan, dhiyeessii faayinaansii invastimantii cimaa fi ajandaa fooyya’iiinsa diinagdee biyyaa keessaa keenyaaf gumaacha waaraa qabaata“ jedhaniiru.

Pireezidaantiin Baankii Addunyaa gama isaaniin biyya keessaa fi sadarkaa idil addunyaatti qormaatilee hedduun mudatanillee Ityoophiyaan xiyyeeffannaa galmoota misoomaa ijoof kennite dinqisiifataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.