Fana: At a Speed of Life!

MM DR.Abiy Jaak Maa fi Aliibaabaa group carraaqqii Afrikaan weerara vaayrasi koroonaa (COVID 19) ittisuuf gootu deeggarran galateeffatan

Finfinnee, Bitootessa 13, 2012 (FBC) – Muummee Ministira Dooktar Abiy Ahimad Jaak Maa fi Aliibaabaa group carraaqqii Afrikaan weerara vaayrasi koroonaa (COVID 19) ittisuuf gootu deeggarruuf meeshaalee qorannoo fi tamsa’ina Vaayrasichaa ittisuuf gargaaran Ityoophiyaadhaan gahuu isaaniitiif galateeffatan.

Dooktar Abiy haaluma kanaan har’a marsaa jalqabaaf meeshaalee qorannoo fi tamsa’ina Vaayirasichaa ittisuuf gargaaran Ityoophiyaadhaan gahuu isaaniitiif nan galateeffadha jedhaniiru.

Meeshaaleen geejibsiifaman kanneen biyyoota Afrikaa 54f kan raabsamanidha.

Haaluma kanaan tokkoon tokkoon biyyoota Afrikaatif meeshaaleen qorannaa vaayrasicha adda baasu kumni 20, haguuggiin funyaanii fi afaanii kumni 100, uffannaan ittisaa ogeeyyii yaalaa kumni 1 kan raabsaman ta’a.

Meeshaaleen deeggarsaa hafanis guyyootii dhufanitti Ityoophiyaa ni galu.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.