Fana: At a Speed of Life!

MM Dr. Abiy Ityoophiyaan midhaan zaytaan sharafa biyyaa ala ittiin argattu keessaa isa tokko jedhan

Finfinnee, Caamsaa 20, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan oomishoota biyyaa alattii ergitu keessa kanneen sharafni biyyaa ala ittin argamuu keessa tokkoo midhaan zaytaati jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Adeemsa midhaan zayitaa oomishuufi raabsuu keessattis qonnaan bultoonni qabiyyee xiqqaa qaban miliyoonni 3 ol irratti ni hirmaatuu jedhaniiru.

Yaa ta’u malee Ityoophiyaan biyyoota zaytaa nyaataa biyyaa alarraa galchaan keessa ishee tokkoo ta’u himaniiru.

Zayitni nyaataa %95 biyyaa alaarra kan galu yoo ta’u,waggaa waggaan doolarri Ameerika miiliyoonni 400 baasii ni ta’as jedhaniiru.

Dameen dhuunfaa Goojjam, Buree Daamotii fi naannoo Dabra Maarqositti argamu qonna kilaasterii agroo indaastiriitiin zaytaa nyaataa oomishamuu jalqabaa jiraachuu himaniiru.

Hojichi adeemsi oomisha itti fufiinsa qabu akka milkaa’u kan dandeessisu yoo ta’u, oomishichi immoo warra kilaasteriidhaan oomishaniif bu’aa ni argamsiisa jedhaniiru.

Horsiisa lukkuu, aannaniifi bu’aawwan aannanii, akkasumas hojiiwwan dabalataa akka loon gabbisuu uumuuf kan dandeessisu ta’us eeraniiru.

Haala kanaan isa soorata biyya keessaaf oolu oomishuufi wabii nyaataa mirkaneessuun ni danda’ama jechuun Fuula Feesbuukisaanirratti ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.