Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiyyii fi preezdaant Isaayyaas Paarkii Indaastirii Adaamaa daawwachaa jiru

Finfinnee, Muddee 16, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi jilli Eertiraa preezdaantii biyyattii Isaayyaas Afawarqiitin duurfamu Paarkii Indaastirii Adaamaa daawwachaa jiru.
 
Jilichi magaalaa Adaamaa yammuu ga’u, itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi qondaaltota mootummaa birootin simannaan taasifameefira.
 
Preezdaant Isaayyaas Afawarqiin kaleessa ture daawwii hojiitif magaalaa Finfinnee kan galan.
 
Paarkiin Indaastirii Adaamaa dhaabbilee dameewwan huccuu, maashinarii fi oomishaalee addaddaarratti bobba’an kan tajaajiludha.
 
Paarkichi waliigalaan sheedota 19 qaba.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.