Fana: At a Speed of Life!

Moojuulli seenaa Gaanfa Afrikaa fi Ityoophiyaarratti qophaa’e gamaaggamamaa jira

Finfinnee, Muddee 16, 2012 (FBC) – Moojuulli seenaa Gaanfa Afrikaa fi Ityoophiyaa; barattootni yuunvarsiitii waggaa 1ffaa akka barataniif qophaa’e Finfinneettii gamaaggamamaa jira.

Qophicharratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan ministir deettaan Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Kifleen baroota darbanitti barattoonni seenaa biyya isaanii haala gaariin otuu hin baratin hafuun rakkina hedduu uumera jedhan.

Seenaan wanta darbedha; waa’ee namaa, hawaasa, saba, ummata, dhimma waqtii tokko wanta bakka tokkotti ta’e barsiisuun barbaachisaadha jedhan.

Waa’ee darberraa barannee kan har’aa qixaan hubannee kan fulduraa misoomsinee yoo itti hin fayyadamne seenaa beekuun keenya bu’aa hin qabu jedhaniiru.

Dooktar Saamu’eel miidhaa kaleessaa araaraa fi dhiifamaan ceenee deemsa gara badhaadhinaatti taasifnu saffisiisuu qabna jedhan.

Qabiyyeen komii fi shakkii uumuu madaallii kamiinuu qaama moojuulii kanaa hin ta’u jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.