Fana: At a Speed of Life!

Moorokoon waggoottan 36 booda tapha moo’anii darbuu Waancaa Addunyaaf dabarte

Finfinnee, Sadaasa 22, 2015 (FBC) – Tapha Waancaa Addunyaa galgala kana taphatameen Moorokoo fi Kirooshiyaan tapha moo’atanii darbuuf darbaniiru.

Moorokoon Kaanaadaa goolii 2 fi 1n injifachuun biyya Afrikaa tapha moo’atanii darbuuf dabarte 2ffaa taateerti.

Oduu biroon Kirooshiyaan Beeljiyeem waliin goolii malee qixa baatuus tapha moo’anii darbuuf qaqqabuu ishee mirkaneeffatteerti.

Beeljiyeem Waancaa addunyaa 22ffaa ala taateerti.

Hanga ammaatti Neezarlaandi, Ameerikaa, Arjantiinaa, Awustiraaliyaa, Faransaay, Poolaandi, Ingilizii fi Seneegaal biyyootaa tapha mo’atanii darbuuf ce’aniidha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.