Fana: At a Speed of Life!

Mootummaa Liibaanoos taayitaa gadhiisuu beeksise

Finfinnee, Hagayya 5, 2012 (FBC) – Mootummaa Liibaanoos taayitaa gadhiisuu beeksise.
 
Mootummaan biyyattii bulchaa ture taayitaa gadhiisuu kan beeksise dallansuun ummataa cimnaani jedhameera.
 
Dhoohinsa Kibxata darbe mudatee tureen Beeyruutitti lubbuun namoota 200 olii darbuun ni yaadatama.
 
Muummee ministiraa biyyattii kan turan Hasan Diyaab miidiyaa mootummaatin ibsa laataniin, mootummaan kiyya taayitaa gadhiisera jedhan.
 
Rakkoo mudateef ummanni kaabinee muummee ministiraa Hasan Diyaab komachaa tureera.
 
Mootummaan Liibaanoos dhibaa’ummaa fi malaammaltummaaf saaxilameeranis ni komatama.
 
Dhoohinsa uumameen booda lammiileen hiriira ba’an poolisiidhan walitti bu’aniiru.
 
Sababiin dhoohinsaa amooniyam naaytireetiin toonii 2,750 ta’u of eeggannoon ala kuufamee turuu isaati jedhama.
 
Preezdaantiin biyyattii Miisheel Awoon mootummaan biyyattii kaabineen haaraan hanga hundaa’utti taayitaarra akka turu gaafataniiru.
 
Muummeen ministiraa Hasan Diyaab Amajjii darbe aangootti dhufan, dubbiin humna isaanitii ol ta’uu eeruun, kaabineen isaanii taayitaa gadhiisuu beeksisaniiru.
 
Muummee ministiraa Hasan Diyaab malaammaltummaan mootummaa isaaniitti gufuu ta’aa dhufuu eeran.
 
Fedhii ummataa guutuu, jijjiirrama fiduu fi biyyattii ceesisuuf gaafatama fudhachuun dirqamas jedhan.
 
Balaa dhoohinsaa mudateen booda lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabanii 220 kan qaqqabe yoo ta’u, namoonni 110 ammoo as buuten isaanii hin beekamu.
 
Namoonni 200,000 ta’an manni jalaa diigameera.
 
Dhoohinsa mudateen qabeenyi Doolaara biiliyoona 3 kan barbadaa’e yoo ta’u, biyyattiirra miidhaan diinagdee Doolaara biiliyoona 15 irra ga’uun ibsameera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Maddi; BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.