Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan biyya harka qaleeyyii hin dhiibne uumuuf hojjechaa jira – Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Adooleessa 14, 2013 (FBC) – Mootummaan biyya harka qaleeyyii hin dhiibne uumuuf hojjechaa jiraachuu itti aantuun Preezdaantii fi Qindeessituun Kilaasteera misooma magaalota Oromiyaa Aadde Caaltuu Saanii ibsaniiru.
Aadde Caaltuun ijaarsa manneen jireenyaa harka qalleeyyiif magaalaa Adaamaatti dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.
Guddinni biyyaa harka qalleeyyii hin hammanne guddina waaraa ta’uu hin danda’u jedhan.
Mootummaan harka qalleeyyii mana hin qabneef iddoo aara galfii akka argatan hojjechaa jiraachuu aadde Caaltuun himaniiru.
Jireenyaa lammiilee fooyyessuuf qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu akka qabu hubachiiisaniiru.
Aadde Caaltuun sirnicharratti haasawa taasiisaniin Duudhaa walgargaarsaa dagachuun hiyyummaaf nu saaxileera jedhan.
Tajaajila lammummaan tokkummaa fi duudhaa durii deebisuun ulfinni Oromummaa akka nutti dhaga’amu nu taasiisaa jira jedhan.
Magaalaa Adaamaa keessa harka qalleeyyiin mana malee jiraataan hedduu ta’uu Kaantibaan magaalaa Adaamaa obbo Namarraa Bulii ibsaniiru.
Kenna Tajaajila lammummaa ganna kanaan namoota kuma 1’f mana jireenyaa ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Ijaarsa kanaaf Birrii miiliyoonni dhibbi 4 walitti qabamuu obbo Namarraa dubbataniiru.
Manneen harka qalleeyyii kuma 1’f ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame kana Hojjettoota Biiroo Daldalaa Oromiyaa fi Abbootii qabeenyaan kan ijaarramu ta’uu ibsaniiru.
Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.