Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan himata lammiilee 60 adda kuteera

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Mootummaan sababoota garaagaraan namoota 60 dhimmi isaanii seeran ilaallamaa turerraa himannaa adda kuteera.

Itti gaafatamaan Prees Sakreetaariyaatii Waajjira Muummee Ministiraa FDRI obbo Nigusuu Xilaahuun, mootummaan himata lammiilee 60 adda kutuuf murteessera jedhan.

Haaluma walfakkaatun dirree siyaasaa baba’ldhisuu fi mootummaas ta’e yakkamtoonni dhimmicharratti barumsa waan argataniif dhiifamni taasifameera jedhan.

Kanarra darbees mootummaan gaffii lammiilee dhaggeeffachuun haala hawaasummaa ilaaluun murticha dabarseera.

Himatichi adda cituu, halaa fi rawwii isaarrattis Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa ibsa ni laata jedhameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.