Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Jaappaan deeggarsa dhaabbata leenjii nageenya kabachiisuu idil addunyaaf taasise

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC)- Mootummaan Jaappaan dhaabbata leenjii nageenya kabachiisuu idil addunyaaf deeggarsa  doolaraa Ameerikaa kuma dhibba 8 fi kuma 50 taasiseera.

Deeggarsi taasifamees Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti karaa sagantaa misoomaan kan darbuu yoo ta’u, daandeetti ijaarsa dhaabbata leenjichaaf kan oolu ta’uu ibsameera.

Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti Hoogganaan dhaabbata leenjii nageenya kabachiisuu Birgaadeer Jeneraal Sabsiibee Duubbaa  fi itti aanaan sagantaa misoomaa dhaabbaata mootummoota gamtoomanii bakka bu’aan Ityoophiyaa Seele’oofis Tooroor waliigaltee deeggarsicha mallateessaaniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Iitoo Taakaakoo biyyisaanii nageenya Afrikaa mirkaneessuuf xiyyeeffaannoon akka hojjetuu ibsaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.