Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Keeniyaa manneen shubbisaa fi ragadaa halkanii kuma 18 ol irratti tarkaanfii fudhate

Finfinnee, Bitootessa 18, 2016 (FBC) – Mootummaan Keeniyaa manneen shubbisaa fi ragadaa halkanii kuma 18 ol irratti tarkaanfii fudhachuu beeksise.

Warshaaleen Alkooliis akka cufaman taasiisu himeera.

Mootummaan biyyattii Araada Alkoolii fi Baala Sammuu Adoochuu ittisuuf tarkaanfii kana fudhachuu himeera.

Mootummaan Keeniyaa daddabarsa seeraan Alaa Alkoolii fi Balaa Sammuu namaa Adoochuu ittisuuf tarkaanfii fudhatu cimsee kan itti fufu ta’uu Itti Aanaan Pireezidaantii Keeniyaa Riigaatii Gaachaagoon ibsaniiru.

Murtoo kana hordofee lammiilee biyyattiirraa mormiin muudachuu kan ibsan Riigaatiin, ejjannoon mootummaan kan hin jijjiiramne ta’uu eeraniiru.

Erga sosochiin farra Alkoolii biyyattiitti eegalee manneen Ragadaa fi Shubbisa halkanii kumni 18 ol cufamuu eerameera.

Namoonni karaa seeraan alaa Alkoolii daddabarsuun shakkamani 258 to’atamuun mana murtiif dhiyaachuu ibsameera.

Manneen Daldalaa Alkoolii Raabsan kanneen Manneen Amantaa fi Mannee Barnootaa dhiyeenyatti argaman kumni 5 eeyyamni isaanii haqamuu fi cufamuu RTn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.