Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan oomishtummaa horsiisee bulaa guddisuuf deeggarsa taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu himame

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (FBC) – Mootummaan oomishtummaa horsiisee bulaa guddisuuf deeggarsa taasiisu kallattii hundaan cimsee kan itti fufu ta’uu himameera.

Horsiisee bultoonni galii biyyaalessaa dabaluu, hojii dhabdummaa hir’isuu fi oomishtummaa qonnarratti shoora olaanaa qabaachuu ibsameera.

Oomishaa fi oomishtummaa Gaalaa guddisuuf mariin naannoo Soomaalee magaalaa Jigjigaatti gaggeeffameera.

Maricha giddugala qorannoo horsiisee bulaa fi Qo’annoo qonnaa naannoo Soomaalee fi Yuunvarsiitii Jigjigaatuu waliin qopheesse jedhame.

Qorannoon waloo Gaalarratti gaggeeffamu jireenya horsiisee bulaa jijjiiruuf qooda olaanaa qabaachuu itti aanaan preezdaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Soomaalee obbo Ibraahiim Usmaan dubbataniiru.

Mootummaan oomishtummaa horsiisee bulaa guddisuuf tattaaffii taasiifamu dhaabbilee deeggartootaa idila addunyaa waliin ta’uun deeggarsa taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu Ministir Deettaan Ministeera Nageenyaa Dooktar Siyyuum Masfin dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyarraa argame ni agarsiisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.