Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Sudaan finciltoota Daarfuritti argaman waliin waliigaltee nageenyaa mallatteesse

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC) – Mootummaan Sudaan finciltoota Daarfuritti argaman waliin waliigaltee nageenyaa mallatteessuun isaa ibsame.

Waliigaltichi walitti bu’insa gidduu isaanii waggaa 17f ture ni hiika jedhameera.

Waliigaltichi yeroo dheeraaf erga irratti mari’atamee Sudaan Kibbaa Juubaatti raawwateera.

Adeemsichi namoota sababa nageenyaa, abbummaa lafaa, haqa, qoodinsa aangoo akkasumas waraanaan qe’ee isaanirraa buqqa’aniif waliigalteerra ga’ameera.

Dabalataan, waliigaltichi finciltoonni meeshaa waraanaa hiikkachuun raayyaa ittisaa biyyaalessa biyyatti keessatti akka haammatamaan kan dandeessisudha jedhame.

Maddi:- Aljaziiraa

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.