Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan waggoota afran darbaniif Inisheetivoota qonna naannichaa hirkattummaa roobaa jalaa baasan babal’isuu irratti argama – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 7, 2016 (FBC) -Mootummaan naannoo Oromiyaa waggoota afran darbaniif Inisheetivoota qonna naannichaa hirkattummaa roobaa jalaa baasan babal’isuu irratti kan argamu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaan Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis Inisheetiiviiwwan qonnaa hojiirra oolaa jiran ilaalchisee fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Mootummaan jijjiiramaa naannoo keenyaa, waggoota afran darbaniif, inisheetivoota qonna naannichaa hirkattummaa roobaa jalaa baasan babal’dhisuu irratti argama. Kanneen keessaa tokko pirojeektii misooma jallisii yoota’u, hanga ammaatti, piroojektoota hidha bishaanii 73 goolabbiifi sadarkaa ijaarsaa adda addaa irratti argaman raawwachaa jira.

Gama biraatiin, piroojektoota hidha bishaanii mootummaa federaalaatiin naannoo keenya keessatti jalqabamanis, jala bu’uun hordofuu irratti argamna. Piroojektoota kanneen keessaa lamaan isaanii: (1) Piroojektii Misooma Jallisii CALCAL, godina Baalee Bahaa, (2) Piroojektii Misooma Jallisii WALMAL, godina Baalee keessatti hojjetamaa jiran haa ilaallu.

Piroojektii Misooma Jallisii CALCAL
Piroojektiin Calcal, Godina Baalee Bahaa, aanaa Raayyituutti kan argamu yoota’u, yeroo xummuramu lafa hekt. kuma 4 jallisiin kan misoomsu ta’a. Piroojektichi Lootii lamatti qoodamee hojjetamaa kan jiru yoota’u, lootii-1 jalatti hojiilee laga jallisuu/garagalchuufi ijaarsa bo’ii gurguddoo ni argamu. Dhuma barichaa irratti raawwii hojii lootii-1, %19.89 irraan gahuuf kan karoorfame yoota’u, raawwiin hanga kurmaana lammaffaa %76.8 milkaa’ee jira. Akkasumas hojii lootii-2 (qophii lafa jallisii) %86’tti ol guddisuuf karoorfamee haala gaariidhaan raawwatamaa jira.

Piroojektii Misooma Jallisii WALMAL
Piroojektiin misooma jallisii Walmal, godina Baalee Lixaa, aanaa Harannaa Bulluqiifi Dallomannaatti kan argamu yoota’u, yeroo xummuramu lafa hekt. kuma 11 kan misoomsu ta’a. Akkuma isa duraa, inni kunis lootii lamaan adeemsifamaa kan jiru yoota’u, dhuma barichaatti,raawwii lootii-1, %80.98 irraan gahuuf hojjetamaa jira. Raawwiin hanga kurmaana lammaffaa jiru karooraa ol, %112.6 kan milkaa’e yoota’u, raawwii waliigalaa %79.27 irraan gaheera. Dhuma barichaa irratti, raawwii Lootii-2, %66’n gahuuf kan karoorfame yoota’u, hanga ammaatti karooraa ol, %101.8 milkaa’ee jira.

Mootumman, piroojektoonni kunneen, humna dinagdee naannoo keenyaa ta’uurra darbee, ce’uumsa qonna biyya keenya dhugoomsuuf kan tumsan ta’uu hubatee ariitiifi qulqullina barbaadamuun akka raawwataman hordoffiifi deeggarsa walirraa hincinne taasisaa kan jiruufi fuuldurattis cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuun barbaada.

Dabalataaniis, godinni Baalee Bahaa keessatti, piroojektoota Finnaa mootummaa naanniichaatiin hojjetamaa jiran Afur: Dhoofaa, Kattaa Dibbee, Goyderifi Bakkee Haroo (lak. 1-3 kan jiran bara kana kan xummuramaniidha), akkasumas, godina Baalee keessatti, piroojektii Finnaa mootummaa naanniichaatiin hojjetamaa jiru tokko: Yaadoot ni argamu.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.