Fana: At a Speed of Life!

Mootummoonni naannolee Ayyaana Kataraafi Cuuphaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Amajjii 10, 2015(FBC)- Mootummoonni naannolee Ayyaana Kataraafi Cuuphaa sababeeffachuun hordoftoota amantichaa maraaf ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Mootummaan naannoo Harar ayyaana Kataraafi Cuuphaa sababeeffachuun hordoftoota amantaa kiristaanaa maraaf ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.

Naannichi ergaa isaan ayyaanichi ayyaana amantummaarra darbee maqaa gaarii biyyattii ijaaruufi ce’umsa tuuristii guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu addeesseera.

Ayyaanichi nageenyaafi waliin jireenya akkasumas aadaa walkabajuufi waliif yaaduu haala cimsuu danda’uun akka kabajamu dhaameera.

Hawaasni wayita ayyaanicha kabaju aadaa walgargaarsaafi wal deeggaruu kanaan dura ture akkaataa cimsuun danda’amuun ta’uu qaba jedheera.

Ayyaanichi karaa nagaan akka kabajamuuf itti gaafatamummaa qaamoleen haqaa ba’ataniin cinaatti hordoftoonni amantichaa gaheesaanii akka ba’atan waamicha dhiyeesseera.

Bifuma walfakkaatuun Mootummaan naannoo Beenishaanguul Gumuzis hordoftoota amantaa Kiristiyaanaa maraan baga ayyaana Cuuphaa nagaan geessan jechuun ergaa dabarseera.

Ayyaanni Cuuphaa  ayyaana Amantaa ta’uu isaarra darbee hariiroo hawaasummaa fi diinagdee cimsuu keessatti ayyaana shoora olaanaa qabu ta’uu ibseera.

Hordoftoonni amantichaa ayyaana Cuuphaa wayita kabajan  jibbiinsa, waltuffii, walqooduu fi garaagartee cinaatti dhiisuu akka Iyyasuus Kiristoositti namuusa gaarii fi walkabajuu agarsiisuu qabu jechuun ergaa dhaameera.

Ayyaannichi karaa nagaan kabajamee akka xumuramu qaamni hundi qooda isaa ba’uu akka qabu mootummaan naannichaa waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.