Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti abbootiin qabeenyaa Birrii biiliyoona 42 ol galmeessisan damee invastimantiirratti bobba’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 18, 2014 (FBC) – Baatiiwwan ja’an darbanitti naannoo Amaaraatti abbootiin qabeenyaa Birrii biiliyoona 42 ol galmeessisan damee invastimantiirratti bobba’uu Biiroon Indaastirii fi Invastimantii naannichaa beeksise.

Baatiiwwan ja’an darbanitti sochii invastimantii naannichatti raawwatameen lammiilee kuma 87 oliif carraan hojii uumamuu danda’uu eeramera.

Rakkoo gareen shororkeessaa ABUT naannicharraan ga’e akka jirutti ta’ee abbootii qabeenyaa kuma dhibba 8 fi kuma 50 ol qabeenya isaanii naannicha keessa akka sochoosan taasisuun danda’amuu hogganaan biirichaa obbo Indriis Abduu eeraniiru.

Yeroo ammaa nannicha keessaa indaastiriiwwan oomishaa kuma 3 fi 600 ol jiraachuu fi rakkoolee jiran furuun faayidaa damicharraa argamu guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Bakkeewwan weerara garee shororkeessaa ABUTiin miidhaman dandamachiisuun gara sochii invastimantiitti akka galaniif xeyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Kadir Mahaammadtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.