Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti dhaabbileen leenjii qonnaan bultootaa oomishaa fi omishtummaa akka guddisaan taasifama-Obbo Umod Ujuluu

Finfinnee, Hagayya 3, 2014 (FBC) – Naannoo Gaambeellaatti kan argaman dhaabbileen leenjii qonnaan bultootaa oomishaa fi omishtummaa akka guddisaaniif xiyyeeffannaan kennamee kan hojjetamu ta’uu Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Umod Ujuluu himan.

Naannoo Gaambeellaatti giddugalli leenjii qonnaan bultootaa Birrii miiliyoona 4.5’n ijaarame eebbifameera.

Obbo Umod saganticharratti akka ibsanitti, dhaabbileen leenjii qonnaan bultootaa manneen barnootaa oomishaa fi omishtummaa guddisaan ta’uu qabu.

Kanaaf mootummaan naannichaa xiyyeeffannaa kan kennuu ta’uu fi giddugala leenjichaa cimsuufis deeggarsa barbaachisaan kan taasifamu ta’uu beeksisaniiru.

Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Umamaa Naannichaa Obbo Ajaak Uchaalaa gama isaaniin, qonnaan bultoonni akka baratanii fi sanyiilee fooyya’oo oyiruu isaarratti akka oomishaniif giddugalichi gumaacha olaanaa qabaata jechuu isaanii ragan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.