Fana: At a Speed of Life!

Naannichi qaamolee uummataaf tajaajila kennuu hin dandeenyerratti tarkaanfii kan fudhatu ta’uu beeksise

Finfinnee, Hagayya 1, 2014 (FBC) – Naannoon Hararii qaamolee sababoota garaagaraan uummataaf tajaajila kennuu hin dandeenyerratti tarkaanfii kan fudhatu ta’uu beeksise.

Hariiroon bu’uuraa mootummaa fi uummata gidduu jiru hariiroo tajaajilaa fi tajaajilamaa ta’uu naannichi ibseera.

Caasaan mootummaa sadarkaan jiru lammii hundaaf tajaajila haqa qabeessaafi si’ataa dhiyeessuu akka qabu yaadachiiseera.

Lammiileenis loogiifi dhamaatii tokko malee tajaajila mootummaa argachuuf mirga qabaachuu yaadachiisuun, caasaaleen mootummaa sadarkaan jiran itti gaafatamummaa isaanii haalaan ba’achaa jiraachuu yeroo yerootti mirkaneessuufi tarkanfiiwwan sirreeffamaa fudhachuun barbaachisaa ta’uu naannichi ibsa guyyaa har’aa baaseen addeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.