Fana: At a Speed of Life!

Naannolee garaagaraatti qormaanni Kutaa 8ffaa kennmuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2015 (FBC)- Qormaanni biyyaalessaa kutaa 8ffaa naannolee garaagaraatti har’aa kennamuu eegaleera.

Haaluma kanaan Naannoo Beenishaangul Gumuzitti kennamuu kan eegale yoo ta’u, naannichatti barattoonni kuma 18 fi 6321 qormaatichaa fudhachaa kan jiran ta’uun eerameera.

Qormaatichi buufataalee 270’tti kennamaa jiraachuu Dursaan Garee Madaallii fi Qormaataa Biiroo Barnootaa Naannichaa Obbo Dagguu Biihonanyi himaniiru.

Akkasumaas Naannoo Amaaraatti qormaatichi kennamuu kan eegale yoo ta’u, barattoonni kuma 347 fi 966 qormaaticha kan fudhatan ta’uun eerameera.

Dabalataanis, Naannolee Ummatoota Kibbaa, Kibba-Lixaa Ityoophiyaattis qormaanni kutaa 8ffaa kennamuu eegaleera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.